Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti barattoonni miliyoonni 3 ol sagantaa nyaataa manneen barnootaa irraa fayyadamaa jiru – BBO

Finfinnee, Ebla 13, 2017(FMC) – Naannoo Oromiyaatti barattoonni miliyoonni 3 ol sagantaa nyaataa manneen barnootaa irraa fayyadamaa jiraachuu Biiroon Barnootaa Oromiyaa beeksise.

Hoogganaan biirichaa Dooktar Tolaa Bariisoon Faanaa Miidiyaa Korpooreshinitti akka himanitti, akka karooraatti barattoonni miliyoonni 8 ol saganticharraa akka fayyadamaniif hojjetamaa jira.

Saganticha milkeessuuf mootummaa biratti abbootiin qabeenyaa fi qooda fudhattoonni biroon akka itti hiramaatan ta’aa jiras jedhan.

Sagantaan nyaataa manneen barnootaa kun manneen barnootaatti simannaan barattootaa akka dabaluu fi harcaatiin barattootaa akka hir’atuuf gargaaraa jiraachuus ibsaniiru.

Zuufaan Kaasaahuntu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.