Fana: At a Speed of Life!

Ergaa Kantiibaa Adaanech Abeebee

Yaada karoorsine gara qabatama guddummaatti fidaa itti fufnee jirra!
Qaama misooma koriidarii fi deebisanii misoomsuu Kaazaanchis kaleessa eebbifamee kan ta’e Addabaabaayii dubartootaa,gahee waliigalaa dubartootaa fi qooda guddaa ijaarsa dhalootaa keessatti qaban karaa ibsuun ijaarree eebbisiisneerra.
Addabaabaayichi moggaasicha erga argatee kan ture ta’uyyuu, gahee dubartootaa mul’isuu kan danda’u ibsituu addaa ta’e homaa kan hin qabnee fi naannawichis ijaaf baay’ee kan hin tolle kan ture yommuu ta’u,hojiin deebisanii misoomsuu kaazaanchis garuu dubaroota diinagdeedhaan,hawaasummaan akkasumas siyaasa keessatti gahee murteessaa qaban bifa ibsuun ijaarameera.
Yaadni siidichaa; suuraa dubartii fagoo ilaaltuu fi madaala harkatti qabattee yemmuu ta’uu,kunis biyya keenya Itiyoophiyaa kan bakka buutuudha.
Tubboon irra dhaabbatte immoo injifannoo kan mul’isuudha.
Daraaraan abaaboo siidaa marse akkuma maqaashee abaaboo miidhagduu gochuuf hojjetaa kan jirru magaalaa teenya Finfinnee akka bakka bu’u taasifame kan hojjetame yemmuu ta’u abaaboo irratti hojii gadi aanaa irraa hanga itti gaafatamummaa guddaatti keessattuu diinagdeen, siyaasaafi dameelee hawaasummaan hanga hoggantummaatti gahee dubartoonni qaban kan calaqqisiisuudha.
Kana qofaa osoo hin taane suuraan dubartootaa marsee mul’atu dubartootnni sab-danummaa Itioophiyaa,walitti hidhamiinsa hawaasummaa fi aadaa gama calaqqisiisuutiin gahee isaanii bakka bu’ummaa hin qabne kan mul’isuudha.
Suuraaleen bitaa fi mirga addabaabaayichaatti mul’atan alaabaa biyya keenyaa waltajjii addunyaatti mirmirsaa kan ol nuuf kaasan gahee guddaa atileetota keenya shamarranii fi bilisummaa Itiyoophiyaa eegsisuu keessatti gootonni dubartoota Itiyoophiyaa wal’aansoo taasisan kan faarsaniidha.
Gama biraatiin bitaa fi mirga addabaabaayichaatti kan mul’atan suuraaleen foo’aa jirbii fi biddeena yemmuu tolchan mul’isan barnootaa fi leenjii addaa osoo hin qabaanne haadholiin keenya jirbii baay’isanii foo’anii gara uffataatti jijjiiranii kan uffatan akkasumas biddeena tolchanii kan nyaatan ogummaa fi dandeettii guddaa hubachuu uumamaan kan badhaafaman ta’uu kan mul’isuudha.
Naannaawa addabaabaayii dubartootaatti suuqiiwwan 105 kan ijaarre yemmuu ta’u suuqiwwan kanneetti % 90 carraa hojii kan argatan osoo hin diigamin dura achumatti daldalaa kanneen turaniidha.
Dabalataanis naannawicha jireenya rakkisaa adda addaa keessaa baasnee leenjisnee hojiif kan geessisne giddu gala gabbifannaa ogummaa fi haaroomsa dubartoota nageewaa irraa dubartootni eebbifaman kan itti hojjetan mana rifeensaa ,kaaffee, reestooraantii, hodhaa uffataa, mana foonii akkasumas hojiilee keenya misooma magariisaa kunuunsuun madda galii akka argatan Suuqiiwwan biroo hedduun daldaltoonni daldalaa turan fi hojiisaanii achuma iddoo baratametti akka ittifufan kan taasifamaniidha.
Dubartii kabajuu fi gahoomsuun mul’istuu qaroominaa fi badhaadhina biyyaa waan ta’eef hundi keenyaa harka wal qabannee kana dhugoomsuuf haa hojjennu.
Waaqni Itiyoophiyaa fi Uummata Ishee Haa Eebbisu!
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.