Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaafi Raashiyaan damee fayyaan waloon hojjechuuf waliigalan

Finfinnee, Ebla 15, 2017(FMC)- Itiyoophiyaafi Raashiyaan waliigaltee damee fayyaan waloon hojjechuu isaan dandeessisu mallatteessan.

Waliigaltichi qulqullina, weeraroota dursanii qorachuun gahumsaafi ariitiin ittisuu irratti tumsa biyyoonni lameen qaban cimsuuf kan kaayyeffate ta’uun ibsameera.

Waliigalticha Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Maqdas Dhaabaafi Ittigaafatamaan Tajaajila Eegumsa Fayyaa Lammiileefi Mirga Shammattootaa Raashiyaa Yuu Pooppoovaan mallatteessaniiru.

Kaayyoon waliigaltichaa fayyaa uummata biyyoota lameenii fooyyessuu, weeraroota dursanii adda baasuun ittisuufi deebii hatattamaa kennuu irratti waldeeggaruuf akka ta’e eerameera.

Waliigaltichi leenjii waloo garee dursee qaqqabaa qulqullinaafi Ippiidimooloojikaalaa Raashiyaa-Afrikaa magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jirurratti mallattaa’uun himameera.

Sagantaa leenjiifi shaakalaa kanarratti mootummaan Raashiyaa Itiyoophiyaaf laaboraatooriiwwan socho’an kennuu ibsameera.

Leenjiifi deeggarsi akka kanaa Itiyoophiyaan damee fayyaan akka of dandeessuufi guddina waaraa akka galmeessitu kan gargaaru ta’uu Dooktar Maqdas Dhaabaan himaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.