Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbata cimaa ijaaruun fayyadamummaa haqa qabeessa dubartootaa mirkaneessuun murteessadha – Aadde Loomii Badhoo

Finfinnee, Ebla 16, 2017 (FMC) – Dhaabbata cimaa ijaaruun fayyadamummaa haqa qabeessa dubartootaa mirkaneessuun murteessaa ta’uu Af Yaa’ii Itti aantuun Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Aadde Loomii Badhoon ibsan.

Kokasiin dubartootaa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa raawwii hojii waggaa 3 fi walakkaa gamaaggameera.

Hojiileen sadarkaa biyyaatti hojjetaman hundi hirmaannaa fi fayyadamummaa dubartootaa haala tilmaama keessa galcheen ta’uu akka qabu Aadde Loomii Badhoon waltajicharratti ibsaniiru.

Akka fakkeenyaatti adeemsi maree biyyaalessaa, filannoon biyyaalessaa yeroo itti aanu gaggeeffamuu fi dhimmoonni walqataawaan biroo karaa haqa qabeessa ta’een hirmaannaa dubartootaa mirkaneessuu akka qaban kaasaniiru.

Kokasiin dubartootaa walqixxummaan Koorniyaa dhaabbilee hunda keessatti akka idilaa’u bifa qindoomina qabuun hojjechuu qaba jedhan.

Keessattuu barattoota shamarraanii Yuuniversiitii keessatti haalaan ga’oomsuuf xiyyeeffannoon hojjetamuu akka qabu eeruu isaanii ragaan Mana marichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.