Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Sidaamaatti sagantaan dhaabbii biqiltuu Bunaa eegalame

Finfinnee, Ebla 16, 2017(FMC) – Sagantaan dhaabbii biqiltuu bunaa Naannoo Sidaamaa Aanaa Shabbadiinoo Ganda Furaatti ifaan eegalameera.

Daayrekterri olaanaan Abbaa Taayitaa Bunaa, Fuduraalee fi Mi’eessituuwwanii obbo Masfin Qaarree sirnicha irratti akka ibsanitti, naannichatti biqiltuu bunaa fooyya’aa miiliyoona 29 dhaabuuf karoorfameera.

Paakkejii guutuu fayyadamuun dhaabbitti kan seename ta’uu fi oomishaa fi oomishtummaa bunaa cimsuu irratti kan xiyyeeffate ta’uu eeraniiru.

Fayyadamummaa qonnaan bultootaa guddisuuf lafa bal’aa baargamoon qabatame gadi lakkisiisuun misooma bunaaf oolchaa jiraachuus kaasaniiru.

Sagantaa kanaan naannichatti lafa heektaara kuma 11 irratti bunni akka dhaabamu ibsuu isaanii TOI gabaaseera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.