Finfinneetti Leenjiin koorsii 4ffaa Raayyaa nageenyaa haaraa filamaniif kennamuu eegale
Finfinnee, Ebla 16, 2017 (FMC) – Biiroon Bulchiinsa Nageenyaa fi Tasgabbii Magaalaa Finfinnee leenjii tiyoorii fi leenjii dirree waraanaa kutaawwan magaalaa hundatti kennuu eegaleera.
Kaayyoon leenjichaa qaamaan, yaadaa fi gochaan raayyaa nageenya ga’ooman leenjisee bobbaasuu ta’uun ibsame.
Sagantaa jalqabbii leejichaa kutaa magaalaa Qiirqositti gaggeeffameera.
Hoggantuu biirichaa aadde Liidiyaa Girmaa, Hogganaa Itti aanaa obbo Miidhaksaa Tasfaayee, hojigaggeessaa kutaa magaalichaa Dooktor Addisu Shaanqoo, hoggantoonni Biiroolee bulchiinsa magaalichaa biroo fi keessummoonni affeerraan taasifameef saganticharratti argamaniiru.