Ijaarsi Daandii Aspaaltii Ittayyaa – Roobee – Seeruu % 85.4 irra gahe
Finfinnee, Ebla 16, 2017 (FMC) – Ijaarsi Piroojektii Daandii Aspaaltii Ittayyaa – Roobee – Seeruu boqonnaa 1ffaan % 85.4 irra gahuu Bulchiinsi Daandiwwan Itiyoophiyaa beeksiise.
Daandichi Kiiloo Meetira 75.6 kan dheeratu yoo ta’u, yeroo ammaa hojiin Kiiloo meetira 68.43 Asfaaltiin uwwisuu xumuramaa jiraachuu ibseera.
Piroojektichi aanaa fi magaalaatti meetira 19 -21 kan bal’atu yoo ta’u, gandootatti meetira 15 fi baadiyyaatti ammoo meetira 10 bal’ata jedhame.
Daandichi aanaalee Godina Arsii keessatti argaman aanaa Heexosaa, Loodee Heexosaa, Deeksiisii fi Roobee kan walqunnamsiisu ta’uun ragaan bulchiinsicharraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia