Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan inveestimeentiin Chaayinootaaf mijattuu dha jedhame

Finfinnee, Ebla 16, 2017 (FMC) –Itiyoophiyaan damee inveestimeentiin abbootii qabeenyaa Chaayinaaf mijattuu ta’uu Ministirri Muummee Itti Aanaan Tamasgeen Xirunaan ibsan.

Obbo Tamasgeen Dura Taa’aa Itti Aanaa Koree Biyyaalessaa Yaa’ii Maree Siyaasaa Uummata Chaayinaa fi Dura Taa’aa Federeeshinii Daldalaa fi Indaastirii Chaayinaa Gaa’oo Yuunlongi fi jila isaanii waliin mari’ataniiru.

Maree isaaniin haala tumsa inveestimeentii, misooma diinagdee fi daldalaa Itiyoophiyaa fi Chaayinaa giddu jiru cimsuun danda’amurratti mar’iachuu Ministirri Muummee Itti Aanaan obbo Tamsgeen Xirunaan fuula miidiyaa hawaasummaa isaaaniin ibsaniiru.

Itiyoophiyaan gama inveestimeentiin abbootii qabeenyaa Chaayinaaf mijattuu ta’uu fi haalotaan kan hin jijijjiiramne tumsi tarsiima’aa biyyoota lamaanii damee dinagdeenis jabaatee akka itti fufu waliigalleerra jechuun eeraniiru.

Gaa’oo Yuunlongi gama isaaniin sochii misoomaa Itiyoophiyaa dinqisiifachuun, keessumaa Finfinneen baay’ee jijjiiramuu ishee dubbataniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.