Sagantaa Misooma Seeftineetii magaalootaan Birriin biiliyoonni 3.8 lammiilee miiliyoona 1.18’f darbeera – Aadde Caaltuu Saanii
Finfinnee, Ebla 16, 2017 (FMC) – Sagantaa Misooma Seeftineetii magaalootaan Birriin biiliyoonni 3.8 lammiilee miiliyoona 1.18’f darbuu Ministirri Ministeera Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa aadde Caaltuu Saaniin ibsan.
Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa Walga’ii Idilee 26ffaa har’a taa’een gabaasa raawwii hojii baatiwwan saglan darbanii ministeerichaa dhaggeeffateera.
Aadde Caaltuu Saaniin gabaasa raawwii hojii baatiwwan saglan darbanii dhiyeessaniiru.
Magaaloota 88 keessatti lammiileen kumni 500 fi kumni 97 fi 123 hojiilee misooma naannawaa keessatti akka hirmaatan gochuun danda’amuu kaasaniiru.
Magaaloota 87 keessatti lammiilee miiliyoona 1.18 ol ta’aniif Birrii biiliyoonni 3.8 akka darbuuf taasiifamuu himaniiru.
Daandii saffisaa haaraa Kiiloo Meetira 566.8 ijaaruuf karoorfamee Kiiloo Meetirri 385 raawwatamuu gabaasa dhiyeessaniin eeruu ragaan Mana Maree Bakka Bu’oota Ummarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia