Garee finxaalessaa nama ukkaamsuu fi ajjeesuun miidhaa geessisaa jirurratti tarkaanfiin cimaan fudhatamaa jiraachuun ibsame
Finfinnee, Ebla 17, 2017(FMC)- Garee finxaalessaa nama ukkaamsuu fi ajjeesuun adeemsa baruu fi barsiisuu jeequun barsiisotarratti miidhaa geessisaa jirurratti tarkaanfiin cimaan fudhatamaa akka jiru Biiroon Nagaa fi Tasgabbii Naannoo Amaaraa beeksise.
Haala nagaa fi tasgabbii naannichaa fi tarkaanfii seera kabachiisuu garee kanarratti fudhatamaa jiru ilaalchisee Ittigaafatamaan Damee Nagaa fi Tasgabbii Naannichaa Dooktar Isheetee Yeesuuf TOItti himaniiru.
Gareen shororkeessaa biyya diiguuf ka’e bakkeewwan garagaraatti ajjeechaa, saamichaa fi badii namarraan gahaa jiraachuus kaasaniiru.
Karaa nagaatti akka deebi’u mootummaan irra deddeebi’uun waamicha dhiyeessaa ture ammallee nageenyaaf balballi isaa banaadhas jedhan.
Hidhattoonni hedduun waamicha dhiyaate fudhachuun karaa nagaatti deebi’uunsaaniis eeraniiru.
Finxaaleyyii badiirraa deebi’uu dhabuun ajjeechaa, saamichaa fi nama ukkaamsuu irratti argaman irratti tarkaanfiin seera kabachiisuu qindaa’aa fi cimaan fudhatamaa jiraachuus himaniiru.
Gareen finxaalessaa kun daandii cufuun dhiheessii xaa’oo fi tajaajiloota hawaasummaa biroo gufachiisuun alatti qonnaan bulaan akka hin hojjennee fi oomisha gabaa akka hinbaafanne gochaa akka jiru yaadachiisaniiru.
Abbootii amantaa fi jaarsolii biyaa ajjeesuu fi ukkaamsuun badii raawwachaa turuusaa himaniiru.
Manneen barnootaarratti dhukaasa banuun, barsiisota hidhuu fi ajjeesuun akkasumas barattoonni mana barumsaa akka hindeemne dhorkuun farra ummataa ta’uusaa mirkaneesseera jedhan.
Kanaaf finxaalessaa farra ummataa ta’e kanarratti tarkaanfiin irra deebii hinqabne fudhatamaa akka jiru ibsaniiru.
Haala Kanaan bittinnaa’aa fi carraa argateen namoota saamuu fi ukkaamsuu yaalaa akka jiru eeranii, tumsaa fi eeruu ummataan tarkaanfiin irratti fudhatamaa jira jedhaniiru.
Nagaa haala Kanaan uumameen bakkewwan hedduutti dhiheessiin xaa’oo fi galteewwanii qonnaan bulaa qaqqabaa akka jirus hubchiisaniiru.
#Oromia #Ethiopia