Fana: At a Speed of Life!

Tapha walakkaa xumuraa Waancaa Itiyoophiyaan Shaggar Walaayittaa Diichaa waliin ni morkata

Finfinnee, Ebla 17, 2017 (FMC) – Kilabiin Kubbaa Miilaa Bulchiinsa Magaalaa Shaggar tapha xumuraa Waancaa Itiyoophiyaaf darbuuf boru falmiin Walaayittaa Diichaa waliin gaggeessu hawwiin eegama.

Waancaa Itiyoophiyaa bara 2017 Bahir Daar injifachuun Walakkaa xumuraaf kan darbe Kilabiin Shaggar, tapha xumuraaf darbuuf boru sa’aatii 9:30 jalqabee Walaayittaa Diichaa waliin morkata.

Kilabiin Bulchiinsa Magaalaa Shaggar bara dorgommii tokkootti Liigii Olaanoo Itiyoophiyaan Piriimeer Liigiitti guddachuu milkeeffatee Waancaa Itiyoophiyaan ammoo walakkaa xumuraaf darbe kan jalqabaati.

Kilabni kubbaa miilaa magaalaa Shaggar boru Istaadiyeemii nam tolchee Hawaasaatti Walaayittaa Diichaa waliin morkiin gaggeessu xiyyeeffannoo argateera.

Dilbata ammoo Bunni Sidaamaa Machaal waliin morkata.
Dajanuu Gonfaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.