Dhoohinsa cimaa buufata Iraanirra qaqqabeen namoonni 25 du’an
Finfinnee, Ebla 19, 2017 (FMC) – Dhoohinsa cimaa buufata Daldalaa Iraanirra qaqqabeen namoonni 25 yoo du’an, 800 ammoo madaa’uun ibsame.
Dhoohinsa cimaa dhiyeenya Magaalaa Abbas Buufata Daldalaa Shaahiid Raajaa’ii jedhamurratti mudateen miidhaan kun qaqqabuu eerameera.
Pireezidaantiin Iraan Maasuud Peezeeshikiyaan midhaa qaqqabeef gaddi guddaan itti dhagahamuu ibsaniiru.
Balichaan gamoowwanii fi konkolaattoonni dhiyeenyatti argaman barbadaa’uu fi namoonni 6 hanga ammaatti achi buuteen isaanii kan hin argamne ta’uu BBCn gabaseera.