Fana: At a Speed of Life!

Bu’aawwan kalaqa sammuu kumni 52 ol galmaa’uun eerame

Finfinnee, Ebla 20, 2017 (FMC) – Bu’aawwan kalaqa sammuu kumni 52 ol galmaa’uu Abbaan Taayitaa Qabeenya Sammuu Itiyoophiyaa beeksiise.

Guyyaan qabeenya sammuu 25ffaan mata duree ‘qabeenya sammuu fi Muuziqaa’ jedhuun kabajamaa jira.

Guyyicha Abbaa Taayitaa Qabeenya Sammuu Itiyoophiyaa, abbootii qabeenyaa, qooda fudhattootaa fi dhaabbileen deeggartootaa waliin ta’uun kan qopheessan yoo ta’u, Golhambaa Saayinsiitti sagantaalee adda addaan kabajamaa jira.

Bu’aawwan Kalaqa sammuu kumni 52 fi 500 galmaa’uu Itti Gaafatamaan Hariiroo Ummataa Abbaa Taayitichaa Eeliyaas Mahammaad eeraniiru.

Kunneenis mallattoo daldalaa, waraabbii fi Kalaqaan kan galmaa’e ta’uu kaasaniiru.

Baay’ina Daldaltootaa jiraniin yoo madaalame mallattoon Daldalaa galmaa’e daraan xiqqaa ta’uu ibsaniiru.

Masaafinti Iyyaayyuutu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.