Dargaggoonni humna jijjiiramaafi ce’umsa guddina biyyaati- Aadde Sa’aadaa Abdurahmaan
Finfinnee, Ebla 20, 2017 (FMC) – Dargaggoonni humna jijjiiramaafi ce’umsa guddina biyyaa ta’uu Af-yaa’iin Caffee Oromiyaa aadde Sa’aadaa Abdurahmaan ibsan.
Aadde Sa’aadaa Abdurahmaan haasawaa sagantaa baniinsa waldorgommiifi agarsiisa ogummaa, teeknooloojii, yaadama biizinasiifi qorannoo gochaa marsaa 6ffaa magaalaa Adaamaatti gaggaffamaa jirurratti taasisaniin, dhaloota saayinsii, teeknoloojiifi kalaqaan ga’oome uumuuf hojjetamaa jira jedhan.
Dargaggoonnis adda durummaan humna jijjiiramaafi ce’umsa teeknoloojii biyya ijaaru ta’uu kaasanii, ogummaan of ijaaruun waa uumuufi kalaquun yaadama biizinasii haaraa irratti hojjechuu akka qaban ibsaniiru.
Sadarkaa Itti aanaa pirezidaantiitti qindeessaan kilaastera magaalaa obbo Masfin Malaakuu gamasaaniin, hojiin dargaggootaan hojjetamaa jiru imala badhaadhinaaf abdii guddaa kan uumu ta’uu eeraniiru.
Agarsiisa dorgommii kanarras inisheetiviin indastirii godoon qabame milkaa’aa jiraachuu arginerra jedhan.
Hogganaan Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa Injinar Eebbaa Garbaan, mootummaan naannoo Oromiyaa misooma interpinerii, barnootaafi teeknooloojiin Oromiyaa ijaaruuf hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.
Yaadama biizinasiin hojii tuffachuun hafee carraan hojii biyya keessaafi alatti uumamaa jiraachuus himuu ragaan Kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia