Fana: At a Speed of Life!

Baankiin Addunyaa galmoota misoomaa Itiyoophiyaa deeggaruuf kutannoo qabaachuu ibse

Finfinnee, Ebla 20, 2017 (FMC) – Baankiin Addunyaa fooyya’iinsa diinagdee gooroo mootummaan hojiirra oolche dinqisiifateera.

Jilli Ministira Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shideen durfamu Daayrektara Kutaa Oppireeshinii Baankii Addunyaa Aanaa Biiyaard waliin hojiirra oolmaa fooyya’iinsa diinagdee gooroo Itiyoophiyaa irratti mari’ataniiru.

Haala Baankiin Addunyaa deeggarsa ajandaalee misoomaa mootummaa Itiyoophiyaafi dameewwan misoomaa naannawaarratti taasisu cimsuu danda’urrattis mari’achuun ibsameera.

Obbo Ahimad Shideen deeggarsa maallaqaafi teekinikaa baankichi Itiyoophiyaaf kennu dinqisiifataniiru.

Dabalataan deeggarsa dhaabbatichi fooyya’iinsa diinagdee, oomishaafi oomishtummaa guddisuu, invastimantii damee dhuunfaa cimsuu, carraa hojii uumuufi guddina hundagaleessa Itiyoophiyaaf taasisaa jiruuf galateeffataniiru.

Aanaa Biiyaard gamasaaniin, kutannoo mootummaan Itiyoophiyaa galmoota diinagdee gooroo milkeessuuf agarsiise dinqisiifataniiru.

Baatiiwwan salgan darban fooyya’iinsa diinagdee gooroo mootummaan hojiirra oolche haala idil-addunyaa rakkisaa ta’e keessatti Itiyoophiyaatti diinagdee cimaan ijaaramuu danda’uu dubbataniiru.

Qaamoleen lameen guddinaafi imala misooma waaraa Itiyoophiyaa saffisiisuuf tumsaan hojjechuun barbaachisaa ta’uu ibsuu isaanii ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.