Itiyoophiyaan giddugala Istaartaappiifi kalaqa teeknooloojii ta’aa jirti jedhame
Finfinnee, Ebla 21, 2017 (FMC) – Itiyoophiyaan giddugala Istaartaappiifi kalaqa teeknooloojii ta’aa jiraachuu Ministirri Ministeera Innooveeshiniifi Teeknooloojii Dooktar Ballaxaa Mollaan ibsan.
Walga’iin Ministiroota Barnootaa, ICT fi Ogummaa Afrikaa Innooveeshinii Afrikaa 2025 mata duree “ Jaarraa 21ffaatti Afrikaa Barsiisuufi Gahoomsuu” jedhuun gaggeeffamaa jira.
Walga’ichi biyya badhaateefi teeknooloojiin guddatte ijaaruuf murteessaa ta’uu Dooktar Ballaxaan ibsaniiru.
Afrikaatti ogummaa diijitaalaafi gahumsa kalaqa teeknooloojii cimsuun misoomaafi guddina kan ariifachiisu ta’uu kaasanii, dargaggoota teeknooloojii diijitaalaa hidhachiisuun dirqama ta’uu eeraniiru.
Ardichatti diinagdee diijitaalaa bu’uuraalee misoomaa Innooveeshiniifi Teeknooloojii irratti hundaa’e ijaaruuf, Itiyoophiyaan tumsaan hojjechuun dargaggootaaf sirna diijitaalaa mijataa uumuuf murannoo qabaachuu kaasaniiru.
Innooveeshiniifi teeknooloojiin dorgomtummaa Afrikaa guddisuuf dargaggoota saayinsii, teeknooloojii, injinariingiifi herregaan gahoomsuun akka barbaachisu eeeruun, Itiyoophiyaan tattaaffii cimaa taasisaa jiraachuu ibsaniiru.
Itiyoophiyaan tattaaffii mootummaafi damee dhuunfaan giddugala istaartaappiifi kalaqa teeknooloojii ta’aa jiraachuu ibsuusaaniis TOI gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia