Fana: At a Speed of Life!

Aadde Adaanech Abeebeen Luba Firaankiliin Giraam waliin mari’atan

Finfinnee, Guraandhala 28, 2017(FMC) – Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen Pireezidaantiifi Hojii Raawwachiisaa Olaanaa Waldaa Wangeelaa Biilii Giraam, Luba Firaankiliin Girhaam waliin mari’ataniiru.

Kantiibaa Adaanech Abeebeen ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, Luba Firaankiliin Giraam waajjira isaaniitti simachuun baga nagaan dhuftan jechuunii ibsaniiru.

Firaankiliin Giraam akkuma abbaa isaanii Itiyoophiyaaf jaalala olaanaa kan qaban ta’uu ibsuun, waggootan 40 darban Itiyoophiyaa irra deddeebiin akka daawwatan eeraniiru.

Firaankiliin Giraam jijjiirama saffisaa magaalaa Finfinnee dinqisiifachuu kaasaniiru.

Jaalalaafi hawwii gaarii Itiyoophiyaafi uummanni ishee isaanitti agarsiisteef galateeffachuu ibsaniiru.

#Oromia #Ityoophiyaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.