Aadde Adaanech hoggansaa fi miseensota Ajaja Komaandoo fi Humna Qilleensaa waliin mari’atan
Finfinnee, Amajjii 30, 2017 (FMC)-Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen, hoggansaa fi miseensota Ajaja Komaandoo fi Humna Qilleensaa waliin Yaadannoo Injifannoo Adwaatti mari’ataniiru.
Ajajaan Ajaja Humna Qilleensaa fi Komaandoo Leetenaal Jeneraal Shuumaa Abdataan, garaagarummaan kamuu jiraatuus Yaadannoon Injifannoo Adwaa fakkeenya dhimmoota biyyaa irratti waloon dhaabbachuun qormaatilee darbuuti jedhan.
Aadde Adaanech gama isaaniin, hoggantoonnii fi miseensonni raayyaa komaandoo fi humna qilleensaa wareegama biyyaaf kaffalaniif galateeffatanii, yaadannoon injifannoo Adwaa gootota biyyaaf olmaa oolaniif yaadannoo dhaabbataa ta’uu ibsaniiru.
#Oromia #Ethiopia