Fana: At a Speed of Life!

Aadde Caaltuu Saaniin Magaalaa Jimmaatti sagantaa Qulqullina Magaalaa gaggeessan

Finfinnee, Bitootessa 1, 2017 (FMC) – Ministirri Ministeera Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa Aadde Caaltuu Saaniin Magaalaa Jimmaatti sagantaa Qulqullina Magaalaa gaggeessaniiru.

Hoggantoonni, Ogeeyyii fi jiraattoonni magaaloota 88 irraa walitti babba’an saganticharratti hirmaataniiru.

Piroojektiin Seeftineetii misooma magaalootaa marsaa 3ffaan har’a magaalaa Jimmaatti eegalama.

Aadde Caaltuu Saaaniin saganticha ni jalqabsiisuun eegama.

Magaalaa Jimmaa hawwattuufi midhagduu taasisuuf, akkasumas jireenya jiraattoota magaalichaa fooyyessuuf xiyyeeffanoon hojjetamaa jiraachuu Kantiibaan magaalaa Jimmaa Obbo Xahaa Qamar eeraniiru.

Warqaafarraaw Yaalewutu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.