Fana: At a Speed of Life!

Aadde Muufariyaat Kaamiil Itiyoophiyaatti Ambaasaaddara Kooriyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Bitootessa 2, 2017 (FMC) – Ministirri Ministeera Hojiifi Ogummaa Aadde Muufariyaat Kaamiil Itiyoophiyaatti Ambaasaaddara Rippaabiliika Kooriyaa Ambaasaaddar Juung Kaang waliin mari’ataniiru.

Mariisaaniin, misooma ogummaa akkasumas ce’umsa beekumsaafi teekinooloojirratti tumsaan  hojjechuuf waliigaluu Aadde Muufariyaat ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin eeraniiru.

Kooriyaan damee teekinikaafi ogummaan biyyoota Itiyoophiyaaf deeggarsa cimaa taasisan keessaa tokko ta’uu eeruun, tumsi kun hariiroo biyyoottan lameenii gara sadarkaa olaanaatti ceesisuu ibsaniiru.

Hariiroon biyyoota lameenii haala fayyadamummaa waloo bu’uura godhateen gara sadarkaa olaanaatti akka cehu murannoo argisiisaniif galateeffataniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.