Fana: At a Speed of Life!

Aanaa Meettaatti balaa Tiraafikaan Lubbuun namoota 8 darbe

Finfinnee, Amajjii 28, 2017 (FMC)- Godina Harargee Bahaa Aanaa Meettaatti balaa Tiraafikaan lubbuun namoota 8 darbuu Qajeelchi Poolisii Godinichaa beeksisee.

Balichi konkolaataan fe’uumsaa Jibuutiirraa gara Magaalaa Finfinneetti imalaa ture karaa gadi lakkisuun konkolaataa Doolfiinii jedhamu Magaalaa Qobboorraa gara magaalaa Dirre Dhawaatti imalaa ture waliin walitti bu’uun kan mudate ta’uu Qajeelcha Poolisii Godina Harargee Bahaatti Itti Gaafatamaan Kutaa Kominikeeshinii fi Miidiyaa Gargaaraa Inispeektaraa Kaasiyyee Abbabaa FMC tti himaniiru.

Balichaan lubbuun namoota 8 battalumatti kan darbe yoo ta’u, namoota 3 irra immoo miidhaan qaamaa cimaan qaqqabuun eerameera.

Nageessoo Kadiirtu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.