Aanaalee 222 keessatti tatamsa’ina dhibee busaa hiri’suuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuun ibsame
Finfinnee, Ebla 3, 2017 (FMC) – Naannolee 10 Aanaalee filataman 222 keessatti tatamsa’ina dhibee busaa hir’isuuf hojjetamaa jiraachuu Ministeerri Fayyaa beeksise.
Hirmaannaan dhibee busaa hir’isuuf qaamolee qooda fudhattootaa waliin taasifame bu’aa galmeessisuu Ministeerichatti Dursaan Hojii Raawwachiisaa Ittisaafi To’annoo dhibee busaa Guddisaa Asaffaan Faanaa Miidiyaa Korporeeshiniif ibsaniiru.
Aanaalee tatamsa’ina dhibee busaa qaban 222 adda baafamuu eeruun, naannawaalee kanneenitti tatamsa’ina isaa hir’isuuf akkasumas madda isaarraa dhabamsiisuuf hojiin eegalamuu dubbataniiru.
Ministeerichatti Itti aanaan Daayrektara Olaanaa Waldaa Misooma Fayyaafi Farra Dhibee Busaa Akliluu Geetinnat gamasaaniin, dhaabbilee gargaarsaa idil-addunyaarraa deeggarsi Birrii miiliyoona 50 taasifamuu eeraniiru.
Dhaabbilee biyya keessaa naannoleetti damicharratti hirmaatan waliin tumsaan hojjechuuf waliigalteen mallattaa’ee hojiitti galamuu ibsaniiru.
Takkaalliny Hatluutu gabaase.
#Oromia #Ethiopia