Fana: At a Speed of Life!

Aannaan Liitira biiliyoona 12 ol oomishuuf hojjetamaa jira – Ministeericha

Finfinnee, Bitootessa 1, 2017 (FMC) – Bara Oomishaa kana Aannaan Liitira biiliyoona 12 ol oomishuuf hojjetamaa jiraachuu Ministeerri Qonnaa beeksise.

Bakka buutoota dhaabbilee misooma aannaniirratti bobba’an waliin waltajjiin taa’amaa jira.

Mootummaan oomishaa fi oomishtummaa damichaa guddisuuf sagantaa Maaddii Guutuu biyyaalessaa hojiirra oolchuun hojjechaa jiraachuu Ministir Deetaan Damee Qabeenya Beelladaa fi Qurxummii Dooktar Fiqiruu Raggaasaan ibsaniiru.

Damicha caalmaatti bu’aa qabeessa taasiisuuf dhaabbilee miti mootummaa waliin qindoominaan hojjetamaa jira jedhan.

Sagantaa Maaddii Guutuun dura aannaan waggaan Liitirri biiliyoonni 5.8 qofti oomishamaa turuu eeruun, bara oomishaa kana liitira biiliyoona 12 ol oomishuuf hojjetamaa jiraachuu ragaan ministeerichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.