Abbootii qabeenyaa Ingiliiz Itiyoophiyaatti oomishtoota Huccuu waliin walitti fiduuf hojjetamaa jira
Finfinnee, Guraandhala 12, 2017 (FMC) –Abbootii qabeenyaa Ingiliiz Itiyoophiyaatti qaamoole oomisha Huccuurratti bobba’an waliin walitti fiduu hojjetamaa jiraachuu Ministirri Muummee Itti Aantuun Yuunaayitiid Kiing Dam Anjeelaa Reeyinar ibsan.
Anjeelaa Reeyinar Hojii Raawwachiisaa Olaanaa Koorporeeshinii Misooma Paarkiwwan Indaastirii Itiyoophiyaa Dooktar Fissahaa Yittaagasuu waliin mari’ataniiru.
Zooniini dinagdee addaa koorpooreshinichi bulchu hojii eegumsa naannootiif xiyyeeffannoo olaanaa kennuun hojjetaa akka jiran Dooktar Fissahaan maricharratti kaasaniiru.
Zooniwwan hunda keessa buufataaleen balfaa qulqulleessan ijaaramuun tajaajila kennaa jiraachuu kaasaniiru.
Anjeelaa Feeynar gama isaaniin mindaan hojjettoota Eeshiyaa dabalaa waan dhufeef fedhiin oomishtoota Huccuu gabaa Afrikaaf filannoo dursaa kennaa akka jiran ibsaniiru.
Kunis oomishtoota Huccuu Itiyoophiyaatiif carraa addaa ta’uu isaa eeraniiru.
Dureeyyii Ingilaandi oomishtoota Huccuu Itiyoohiyaa waliin walitti hidhuuf tattaaffiin jiraachuu dubbatan.
Michummaan Ingilaandii fi Itiyoophiyaa dippilomaasii irra darbee walta’iinsa daldalaa fi diinagdeen qabaachuu akka qabus ibsuu isaanii ragaan korpooreshinicha irraa arganne ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia