Fana: At a Speed of Life!

Abbootiin qabeenyaa giddu gala ce’umsa baadiyyaa keessatti hojii misoomarratti akka bobba’an Koorporeeshichi waamicha dhiyeesse

Finfinnee, Guraandhala 27, 2017 (FMC) – Abbootiin qabeenyaa giddu gala ce’umsa baadiyyaa keessatti hojii misoomarratti akka bobba’an Koorporeeshinin misooma Paarkiwwan Indaastirii Oromiyaa waamicha dhiyeessera.

Koroporeeshinichi naannichatti giddu gala ce’uumsa baadiyyaa jaha Birri biliyoona 13’n ijaarsiise tajaajilaaf banaa taasisuu hojii Raawwachiiftuu Olaantuun Koorporeeshinii Misooma Paarkiiwwan Indaastirii Oromiyaa Aadde Sannaayit Mabreen himaniiru.

Hogganaa Biiroo Invastimantii fi Idaastrii Oromiyaa Obbo Ahimad Idiris gama isaan abbootiin qabeenyaa giddu gala ce’umsa baadiyyaa naannoo isaanii jiru akka misoomsaan waamicha godhaniru.

Abbooti qabeenyaa hirmaatanifis mootummaan haala kan mijeessu ta’uu eeraniru.

Abbootiin qabeenyaa naannawwan giddu gala ce’umsa baadiyyaa jiranis mootummaan haala yoo mijeesse damee daldalaa hojjetaa jiraniin kan hirmaaatan ta’uu ibsaniru.

Jamaal Kadiroo fi Lammaa Tasfaayeetu gabaase.

#Oromia #Ityoophiyaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.