Fana: At a Speed of Life!

Abbootiin qabeenyaa Kooriyaa Kibbaa filannoowwan Invastimantii Itiyoophiyaan qabdurratti akka bobba’an waamichi dhiyaate

Finfinnee, Guraandhala 19, 2017 (FMC) – Fooramiin Invastimantii abbootii qabeenyaa 200 ol hirmaachise Kooriyaa Kibbaa Magaalaa See’uulitti gaggeeffameera.

Fooramichi Kuufama Invastimantii Itiyoophiyaan qabdu beeksiisuuf carraa kan uume ta’uu eerameera.

Itiyoophiyaan filannoowwan Invastimantii fooyya’aa qabaachuu Kooriyaa Kibbaatti Ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Dassee Daalkeen ibsaniiru.

Fooyyessi imaammataa mootummaan Itiyoophiyaa taasiise Invastimantiif carraa mijataa uumuu eeraniiru.

Abbootiin qabeenyaa Kooriyaa Kibbaa filannoowwan Invastimantii Itiyoophiyaan qabdurratti akka bobba’an Ambaasaaddar Dassee Daalkeen waamicha dhiyeessaniiru.

Itiyoophiyaan filannoowwan Invastimantii hedduu fi haala mijataa akka qabdu hubachuu hirmaattonni fooramichaa himaniiru.

Haala mijataa jiru adda baafachuuf yeroo itti aanu Itiyoophiyaa kan daawwatan ta’uu ibsuu ragaan Kooriyaa Kibbaatti Embaasii Itiyoophiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.