Amb. Misgaanuu Argaan Hooggantuu Giddugala Misooma Imaammataa Godaantota Idil Addunyaa waliin mari’atan
Finfinnee, Guraandhala 11, 2017 (FMC)- MInistiri Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Misgaanuu Argaan Hooggantuu Giddugala Misooma Imaammataa Godaantota Idil Addunyaa Moniikaa Zanetee waliin mari’ataniiru.
Marii isaaniin tumsa waloo dhimma godaantotaarratti qaban ilaalchisuun mari’atiiru.
Haala wal fakkaatuun Giddugalli Imaammata Misoomaa Godaantota Idil Addunyaa, Itiyoophiyaatti Waajjira isaa banuuf haalota dandeessisurratti mari’achuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia