Fana: At a Speed of Life!

Ambaasaaddaroonni biyyoota garaagaraa Paarkii Biyyaalessaa Gaarreen Baalee daawwatan

Finfinnee, Ebla 17, 2017 (FMC) – Ambaasaaddaroonni biyyoota garaagaraa teessoo isaanii Magaalaa Finfinnee godhatan Paarkii Biyyaalessaa Gaarreen Baalee daawwataniiru.

Itiyoophiyaatti daayrektarri UNISCO, Komishinii Gamataa Afrikaa fi Komshinii Diinagdee Afrikaa Mootummoota Gamtoomaniitti Bakka Bu’aa UNISCO Dooktar Riitaa Biisoonaawut dabalatee Ambaasaaddaroonni fi Dippiloomaatoonni biyyoona 20 kaleessa Baalee Roobee galuun kan yaadatamuudha.

Ministir Deetaa Ministeera Tuuriziimii Silashii Girmaa dabalatee Ambaasaaddaroonni kunneen Paarkii Biyyaalessaa Gaarreen Baalee fi iddoolee hawwata Tuuriziimii naannawichatti argamu daawwachuu ragaan Ministeera Tuurizimiirraa argame ni mul’isa.

Ministir Deetaa Ministeera Tuuriziimii Silashii Girmaan qabeenya Tuurizimii Itiyoophiyaan qabdu ilaalchisee jila kanaaf ibsa taasiisaniiru jedhame.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.