Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaafi Raashiyaan marii gam-lamee Istaanbulitti gaggeessuu eegalan

Finfinnee, Ebla 2, 2017 (FMC) – Ameerikaafi Raashiyaan marii gam-lamee marsaa 2ffaa Turki magaalaa Istaanbulitti gaggeessuu eegalaniiru.

Jilli garee biyyoota lameenii Ameerikaatti Ambaasaaddara Raashiyaa Aleeksaandar Daarkiivii fi Itti aanaa Ministira Dhimma Alaa Ameerikaa Soonaataa Kooltariin durfamu dhimmoota hariiroo biyyoota lameenii cimsuu danda’anirratti marii eegaluu ibsameera.

Mariin kun hariiroo biyyoota lameenii wayita bulchiinsa pireezidaantii duraanii Ameerikaa Joo Bayidan laafee ture sirreessuuf kan kaayyeffate ta’uu eerameera.

Qabeenya Raashiyaa sababa waraana Raashiyaafi Yuukireeniin dhaalaman deebisuufi balallii  kallattii Mooskoo gara Waashingitan eegaluuf kan mari’atamu ta’uus himameera.

Miikiyaas Ayyalaan.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.