Finfinnee, Bitootessa 22, 2017 (FMC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad koree kaadhimamtoota miseensota Boordii Filannoo Biyyaalessa Itiyoophiyaa filatu moggaasaniiru.
Dooktar Abiy Ahimad akkaataa heera mootummaa FDRI keeyyaata 102 fi labsii hundeeffama Boordii Filannoo Biyyaalessaa lakkoofsa 133/2011 keeyyata 5 muraa 1’n Bitootessa 17, 2017 eegalee Koreen kaadhimamtoota miseensota Boordii Filannoo Biyyaalessa Itiyoophiyaa filatu moggaasaniiru.
Haaluma kanaan:-
Luba Taagaay Taaddalaa – Walitti qabaa
Piroofeesar Takattal Yohaannis – Miseensa
Obbo Baayyee Bazzaabbihi – Miseensa
Dooktar Yohaannis Bantii – Miseensa
Obbo Kaasahuun Foolloo – Miseensa
Aadde Irgibe Gabrahawaariyaat – Miseensa
Aadde Ingidaayee Isheen – Miseensa
Sabsib Abbaa Firaa Abbaa Joobir – Miseensa ta’uun filatamaniiru.
#Oromia #Ethiopia