Waltajjiin marii Ajandaa walitti qabuu Naannoo Amaaraa kaleessa eegale har’as itti fufe

Finfinnee, Bitootessa 28, 2017 (FMC) – Komishininiin Maree Biyyaalessaa Naannoo Amaaraatti waltajji marii boqonnaa ajandaa walitti qabuu kaleessa eegale har’as itti fufuun gaggeessaa jira.
Haaluma kanaan har’a eegale kilaastaroota sadiin kutaaleen Bakka Buutoota hawaasaa kumni 4 fi 500 gareen qoodamuun Ajandaalee isaanirratti mari’achaa jiraachuun ibsame.
Komishininiin Maree Biyyaalessaa Bitootessa 27_Ebla 4,2017tti waltajjii marii Ajandaa walitti qabuu Naannoo Amaaraa Magaalaa Baahiir Daaritti gaggeessuu eegaluun ni yaadatama.
Masafinti Iyyaayyuutu gabaase.
Comments (0)
Add Comment