Leenjiin Hoggantootaa fi Ogeeyyii Kominikeeshiniif kennamu Finfinneetti  eegale

 

Finfinnee, Ebla 1 , 2017 (FMC) – Leenjiin Paartii Badhaadhinaatti Dameen Hariiroo Uummataa fi Idil Addunyaa Hoggantootaa fi Ogeeyyii kominikeeshiniiniif qopheesse Magaalaa Finfinneetti kennamuu eegaleera.

Leenjicharratti Itti Gaafatamaan Damee Hariiroo Ummataa fi Idil Addunyaa Paartii Badhaadhinaa Dooktar Biqilaa Hurrisaa dabalatee qondaaltonni biroon argamaniiru.

Leenjiin naannoolee 11 fi Bulchiinsa magaaloota 2 keessatti hoggantootaa fi Ogeeyyii Kominikeeshinii damee Hariiroo Ummataa fi Idil Addunyaaf kennamu kun har’a Magaalaa Finfinneetti eegaleera.

Leenjichi naannoolee hundaa fi Bulchiisa magaalootatti kan itti fufu ta’uun ragaan Paartii Badhaadhinaarraa argame ni mul’isa.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment