Guyyaan Ispoortiin misoomaa fi nageenyaa biyyaalessaa magaalaa Dambi Doollootti kabajamaa jira

Finfinnee, Ebla 6, 2017 (FMC) – Guyyaan Ispoortiin misoomaa fi nageenyaa 5ffaan sadarkaa biyyaalessaatti naannoo Oromiyaa magaalaa Dambi Doollootti kabajamaa jira.

Saganticha Ministeerri Aadaa fi Ispoortii Biiroo Dargaggoof Ispoortii Oromiyaa waliin qindoominaan qopheessuun ibsameera.

Sagantichi sosochii qaamaa fi marii Paanaaliin kan kabajamu yoo ta’u, har’a mariin Paanaalii taasiifameera.

Ispoortiin misoomaa fi nageenyaaf gumaacha olaanaa waan qabuuf badhaadhina hunda galeessaaf oolchuun murteessaa ta’uu marichaan ka’eera.

Hawaasa sosochii qaamaa aadeffate ijaaruun lammii fayyaa qabeessa, ga’oomaa fi dorgomaa ta’e horachuuf hojjetamuu qaba jedhame.

Ministir Deetaa Ministeera Aadaa fi Ispoortii obbo Makiyuu Mahaammad, Hogganaa itti aanaa Biiroo Dargaggoof Ispoortii Oromiyaa Dassaalenyi Xilahuun, Pireezidaantii Federeeshinii Kubbaa Miilaa Itiyoophiyaa obbo Isaayyaas Jiraa dabalatee hoggantoonni mootummaa Federaalaa fi naannolee maricharratti argamaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment