Finfinnee, Bitootessa 21, 2017 (FMC) – Aadaan walgargaarsaafi waliif yaaduu baatii sooma Ramadaanaa keessa ture cimee itti fufuu akka qabu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa dhaame.
Tajaajilichi Ayyaana Iid Alfaxir waggaa 1446ffaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarseera.
Baatiin Ramadaanaa bara kanaa bifa miidhagaafi ho’aa ta’een obbolummaa cimsuun xumuramuu eeruun, guyyaa har’aa ammoo Ayyaanni Iid Alfaxir haala ho’aa ta’een kabajamaa jiraachuu ibseera.
Aadaan waliif yaaduufi maaddii qooduu baatii sooma Ramadaanaa keessa ture aadaa hawaasa musiliimaa ta’ee itti fufuu akka qabu dhaameera.