Aadde Adaanech Abeebeen Awutoobisiiwwan Elektiriikiin hojjetan 100 hojii eegalchiisan

Finfinnee, Bitootessa 23, 2017 (FMC) – Kantiibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen guyyaa har’aa Awutoobisiiwwan Elektiriikiin hojjetan 100 hojii eegalchiisaniiru.

Awutoobisiiwwan kunneen teeknooloojii Sirna Geejjibaa Intelejenti(ITS)fi Sirna Sassaabbii Taariifaa(FCS) haala qindaa’aan hojiirra kan oolchan ta’uu kaasuun, faalama qilleensaarraa bilisa, mijatoo, yeroo tokkotti imaltoota hedduu kan geejjibsiisan, baasii kan qusataniifi tajaajila si’ataa kan kennan ta’uu eeraniiru.

Awutoobisiiwwan gara hojiitti galan kunneen kallattii magaalichaa hundatti guyyaa har’aa jiraattotaaf tajaajila geejjiba bilisaa akka kennan miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

Sagantaa jalqabsiisaa kanarratti Ministira Ministeera Geejjibaafi Loojistiksii Dooktar Alamuu Simee dabalatee hoggantoonni olaanoon biroon argamaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment