Aadde Adaanech Abeebeen Ayyaana Iid Alfaxir sababeeffachuun maaddii qoodan

Finfinnee, Bitootessa 21, 2017 (FMC) – Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen Ayyaana Iid Alfaxir waggaa 1,446ffaa sababeeffachuun namoota harka qaleeyyiif maaddii qoodaniiru.

Aadde Adaanech Abeebeen Kutaa Magaalaa Boolee Giddugala Nyaataa Tasfaa Birhaan Lakk.2 argamuun maaddii kan qoodan yoo ta’u, ergaa baga geessaniis dabarsaniiru.

Bulchiinsi magaalichaa kutaalee magaalaa hunda keessatti hordoftoota amantichaafi namoota harka qalleeyyiif maaddii qooduu kaasaniiru.

Sooma Ramadaanaa keessa Giddugaloota Nyaataa bulchiinsa magaalichaa keessatti argaman 24’tti sagantaan Afxiraa gaggeeffamaa turuu yaadachiisaniiru.

Duudhaalee walgaafachuufi wal deeggaruu Itiyoophiyaanotaa daran cimsuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

Bulchiinsi magaalichaa namoota harka qalleeyyii deeggaruu cimsee akka itti fufu mirkaneessaniiru.

Taammiraat Dalaliitu gabaase.

Comments (0)
Add Comment