Aadde Adaanech Abeebeen Giddugala Aadaafi Barnootaa Xaayituu eebbisiisan

Finfinnee, Ebla 18, 2017 (FMC) – Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen Giddugala Aadaafi Barnootaa Xaayituu eebbisiisan.

Giddugalichi qindeessummaa artist Alamtsahaay Wadaajoon Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee deeggarsa birrii miiliyoona 39 taasisuun akkasumas qaamoleen qooda fudhattootaa hedduun irratti hirmaachuun bifa miidhagaa ta’een haaromfamuu Aadde Adaanech ibsaniiru.

Waggoottan jijjiiramaa darban hojiilee magaalattii jiraattotaaf mijattuu taasisuuf hojjetamaniin cinaatti hambaalee iddoolee garaagaraatti argaman haaromsuun miidhagina dabalataa akka qabaataniifi hawwata tuurizimii gochuuf hojiilee hedduun hojjetamuu eeraniiru.

Akka fakkeenyaattis hambaaleen naannawaa Piyaasaa jiran sadarkaa isaanii karaa eegeen haaromfamuun tajaajilaaf banamuu yaadachiisaniiru.

Giddugalli Aadaafi Barnootaa kunis bakka gahumsa tuurizimii magaalichaa ta’uu dabalataan Itiyoophiyaaf ogeeyyii aartii horachuuf kan gargaaru ta’uu ibsaniiru.

Giddugalichi waggoota 120 kan lakkoofsise yoo ta’u kanaan dura mana jireenyaa Bitwaddad Hayilagoorgis Waldamikaa’el kan ture yoo ta’u, Mana Qopheessaa Magaalaa Finfinnee akkasumas Mana Murtii ta’uun tajaajileera.

Fiqirtee Kabbadaatu gabaase.

Comments (0)
Add Comment