Finfinnee, Ebla 12, 2017 (FMC) – Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen Ayyaana Sooma Hiikaa sababeeffachuun namoota harka qalleeyyii soomaafi sagadaan dabarsan sooma hiiksisan.
Sooma kan hiiksisnu akkaataa aadaa keenyaan namoonni biroon halkan wayita sooma hiikaaniifi ayyaanicha haala ho’aa ta’een kabajan, maanguddoonni nama isaan iyyaafatu hin qabne, warreen biyyaaf oolmaa oolaniifi lammiileen rakkoo hawaasummaa garaagaraaf saaxilaman waqtii soomaa soomaafi sagadaan dabarsanii wayita hiikaa kophummaan akka itti hin dhagahamneefi jaalala itti agarsiisuufidha jedhan.
Ayyaanichi kan nagaa, jaalalaafi gammachuu akka ta’uufiif hawwii gaarii qaban ibsuufiis ragaan Waajjira Kantiibaa magaalichaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia