Aadde Adaanech Abeebeen namoota harka qalleeyyiifi kaafamtoota misoomaaf manneen 446 dabarsan

Finfinnee, Ebla 9, 2017 (FMC)- Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen Ayyaana Sooma Hiikaa sababeeffachuun namoota harka qalleeyyiifi kaafamtoota misoomaaf manneen 446 dabarsanii kennan.

Aadde Adaanech Abeebeen ayyaanicha sababeeffachuun Kutaa Magaalaa Boolee naannoo 22’tti manneen gamoo abbaa darbii 4 namoota harka qalleeyyiifi kaafamtoota misoomaaf guyyaa har’aa kennaniiru.

Haasawaa saganticharratti taasisaniin, Magaalaa Finfinnee jireenyaaf mijattuu taasisuurra darbee damee hundaan hawaasa magaalichaa fayyadamoo taasisuuf hojiilee hedduun hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Hojiilee namarratti xiyyeeffatan dameewwan hunda keessatti hojjechuun lammiilee hedduu fayyadamoo taasisuun akka danda’ames kaasaniiru.

Ministeera Galiiwwanii, Komishinii Gumruukaa, Abbaa Taayitaa Bishaaniifi Dhangala’oo Magaalichaafi abbootii qabeenyaa hirmaachisuun manneen jireenyaa 446 ijaarsisuun namoota harka qalleeyyiifi kaafamtoota misoomaaf kennamuu eeraniiru.

Aadde Adaanech namoota dhuunfaafi dhaabbilee ijaarsa manneen kanneenii irratti hirmaatan galateeffachuun, tattaaffiin fedhii mana jireenyaa magaalichaa guutuuf taasifamu cimee itti fufa jedhaniiru.

Comments (0)
Add Comment