Finfinnee, Amajjii 15, 2017 (FMC) – Kaantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen ijaarsa Manneen jireenyaa Ayaat Kaasaanchiis eegalchiisaniiru.
Sagantaa kanaan Manneen jireenyaa kumni 13 fi 752 bulchiinsa magaalaa Finfinnee fi tumsa Ayaat Riil Isteetiin ni ijaaramu jedhame.
Manneen jireenyaa kunneen bakka jireenyaaf mijatoo fi bu’uuraalee misoomaa hunda kan guuttatan ta’uu ibsameera.
Bulchiinsi magaalaa Finfinnee fedhii mana jireenyaa jiraattoota magaalichaa guutuuf hojjechaa jiraachuu Kaantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen saganticharratti ibsaniiru.