Abbootiin amantaalee ergaa baga geessanii dabarsan

Finfinnee, Ebla 11, 2017(FMC) – Abbootiin amantaalee ayyaana Du’aa Ka’uu Iyyesuus Kiristoos sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Hawaasni Kiristaanaa ayyaana kana wayita kabaju walummaa fi walgargaaruun akka qaban gaafataniiru.

Hordoftoota amantaa Kiristaanaa bakka hundatti argamaniin bara ayyaana Sooma Hiikaa geessan jedhan Paatiriyaarikiin Mana Amantaa Kiristiyaanaa Ortodoksii Waloomaa Eebbifamoo Abunee Maatiyaas.

Ayyaanni yaadannoo Du’aa Ka’uu Iyyesuus Kiristoos jaalala, qajeeltummaa fi cichoomina ni barsiisa jedhan.

Wayita ayyaannichi kabajamu nageenyaa fi tokkummaa Itiyoophiyaaf kadhachaa, lammiilee sababa garaagaraan rakkoo keessa jiran gargaaruun ta’uu akka qabu yaadachiisaniiru.

Phaaphaasiin Mana Amantaa Kiristaanaa Kaatooliikii Itiyoophiyaa Kaardinaal Abunee Birhaane Iyyesuus Suraafeel gama isaaniin Fannoo Iyyesuus Kiristoosirraa dhiifama, qajeelummaa fi kabaja baranna jedhan.

Ummata Itiyoophiyaa kutaalee addunyaa hundarratti argaman maraan baga geessan jedhaniiru.

Barreessaan Mana Maree Waliigalaa Manneen Amantaa amantoota Warra Wangeela Itiyoophiyaa Luba Darajjee Janbaruunis ayyaana yaadannoo Du’aa Ka’uu Iyyesuus Kiristoota wayita kabajamu walummaa fi kan rakkate gargaaruun ta’uu akka qabau dhaamaniiru.

Ayyaanni Hiikaan kan waldhabe kan itti araaramu, walirraa fageete walitti dhiyaatu, araaramanii araarsuun fakkeenya ta’uutu barbaachisa jedhan.

Pireezdaantiin Gamtaa manneen Amantaa amantoota Wangeelaa Paasteer Tsaadiquu Abdoon gama isaaniitin, gama isaaniin, gochaan Iyyesuus Kiristoos Hoosaa’iina hanga du’aa ka’uutti raawate dhala namaa qajeelummaa, jaalalaa fi kabaja kan barsiisuudha jedhan.

Abbootiin amantaa kunneen hordoftoota amantaa Kiristaanaa fi lammiilee Itiyoophiyaa hundaan baga ayyaana yaadannoo du’aa ka’uu Iyyesuus Kiristoota nagaan geessan jedhuun ergaa dabarsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment