Adeemsi baruufi barsiisuu dhaabbilee barnoota olaanoo teeknooloojiin akka deeggaramuuf kallattiin kaa’ame

Finfinnee, Bitootessa 22, 2017 (FMC) – Adeemsi baruufi barsiisuu dhaabbilee barnoota olaanoo teeknooloojiin akka deeggaramuuf kallattiin kaa’amuu Ministeerri Barnootaa beeksise.

Hojimaanni haaraan qulqullina barnootaa dhaabbilee barnoota olaanoo eegsisan diriirfamuu Ministir Deetaan Ministeera Barnootaa obbo Kooraa Xuushinee Faanaa Miidiyaa Korporeeshiniitti himaniiru.

Adeemsi baruufi barsiisuu teeknooloojiin deeggarame naannawaa barnootaa gaarii uumuu dabalatee deeggarsa barsiisotaafi manneen kitaabaa teeknooloojiin qindaa’an akka jiraataniif kan gargaaru jedhan.

Dhaabbileen barnoota olaanoo hojii bu’a qabeessa hojjechuun barattoonni qormaata bahiinsaa gahumsaan akka darbaniif hojjechuu akka qaban hubachiisan.

Barattoota qormaata bahiinsaa dabarsuu yoo baatan hojimaanni ittiin gamaagamamaniifi itti gaafataman diriiruu ibsaniiru.

Zufaan Kaasaahuuntu gabaase.

Comments (0)
Add Comment