Finfinnee, Guraandhala 9, 2017 (FMC) – Afrikaarraa Busaa dhabamsiisuuf waggaa waggaan Doolaarri biiliyoonni 5.2 kan barbaachisu ta’uu Pireezidaantiin duraanii Laayibeeriyaa Eelan Joonsan ibsan.
Yaa’ii Idilee 38ffaa Hoggantoota Gamtaa Afrikaa cinaatti mariin seenaa Dhibee Busaa jijjiiruu danda’u gaggeeffameera.
Pireezidaantiin duraanii Laayibeeriyaa Eelan Joonsan maricharrati haasawa taasisaniin Afrikaarraa Busaa dhabamsiisuuf waggaa waggaan Doolaarri biiliyoonni 5.2 kan barbaachisu ta’uu ibsaniiru.
Sirna fayyaa fooyyessuu, dhiyyeessa qorichaalee guddisuu fi dhimmoota biroorratti hojjechuuf maallaqni murteessaa ta’uu hubachiisaniiru.
Afrikaatti daa’imman miiliyoonaatti lakkaawwaman dhibee Busaan lubbuu kan dhaban yoo ta’u, lubbuu miiliyoonootaa baraaruuf dhibee Busaa dhabamsiisuun barbaachisaa ta’uu marichaan eerameera.
Afrikaa Busaarraa bilisa taate uumuuf murannoon hoggantootaa murteesaa ta’uus himameera.
Taarikuu Laggasaatu gabaase.
#Oromia #Ityoophiyaa