Agarsiifnii fi Baazaariin magaalaa Shaggaritti baname qaala’iinsa gatii tasgabbeesse – Bulchiinsa magaalichaa

Finfinnee, Ebla 10, 2017 (FMC) –Ayyaana Sooma Hiikaa sababeeffachuun Agarsiifnii fi Baazaariin kutaalee magaalaa Shaggaritti baname qaala’iinsa gatii tasgabbeessuu Waajjirri Daldalaa bulchiinsa magaalaa Shaggar beeksiseera.

Ayyaana Sooma Hiikaa sababeeffachuun Agarsiifnii fi Baazaariin oomishaalee Qonnaa fi Warshaalee mata duree ‘shaggar oomishaa jirti’ jedhuun kutaalee magaalaa Shaggar hunda keessatti baname qaala’iinsa gatii tasgabbeessuu keessatti bu’aa qabatamaa argamsiisuun ibsameera.

Dhiyeessitoonni carraa gabaa bal’aa argatanii oomisha isaanii bal’inaan gabaaf akka dhiyyeeffatanii fi hawaasni oomisha barbaadan akka humna isaanitti akka bitatan gargaaruu Itti Gaafatamaan Waajjira Daldalaa Bulchiinsa Magaalaa Shaggar obbo Bariisoo Tamasgeen Faanaa Diijitaaliif himaniiru.

Cancala faddaaltootaa guutummaatti kutuun oomishaaleen gatii madaalawwan akka dhiyaataan gochuun gabaa tasgabbeessuu eeraniiru.

Hanga ammaatti haala qabatamaa jiruun hawaasni tasgabbiin oomishaa barbaade akka humna isaatti bitachaa jiraachuu obbo Bariisoo Tamasgeen Faanaa Diijitaaliif himaniiru.

Waldaaleen hojii Gamtaa, Qonnaan bultoonnii fi warshaaleen oomisha isaanii gatii madaallawwaan dhiyeessuun hawaasas fayyadaa ofiis akka fayyadan carraa uumuu dubbataniiru.

Bara kana hanga ammaatti ayyaana Sooma Hiikaa sababeeffachuun hanqinni dhiyeessis ta’ee daballiin gatii humnaa ol ta’e mudate hin jiru jedhan.

Hordoffii fi to’annoon cimaan itti fufiinsaan taasiifamaa jiraachuu eeruun, hojiin gabaa tasgabbeessuu kun idileen kan itti fufu ta’uu eeraniiru.

Waliigalaan Baazaarii fi Agarsiifnii baname kaayyoo isaa milkeessuu kaasuun, Shaggar hedduminaan oomishuu itti fufti jedhan.

Siifan Magarsaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment