Albuuda gabaa alaaf dhiyaaterraa galiin Doolaarri miiliyoonni 600 fi miiliyoonni 4 fi kumni 774 ol argamuun ibsame

Finfinnee, Bitootessa 29, 2017 (FMC) – Bara baajataa 2017 hanga kurmaana 2ffaatti Albuuda gabaa alaaf dhiyaaterraa galiin Doolaarri miiliyoonni 600 fi miiliyoonni 4 fi kumni 700 fi kumni 74 ol argamuu Abbaan Taayitaa Misooma Albuudaa Oromiyaa beeksise.

Xiyyeeffannoo Mootummaan jijjiramaa damee Albuudaaf kenneen bu’aa gaariin galmaa’uu Abbaa Taayitichaatti Daayrektarri Kominikeeshinii obbo Daawwit Lammeessaan Faanaa Diijitaaliif ibsaniiru.

Naannoo Oromiyaa keessa Albuudoonni gosa garaagaraa 76 jiraachuus himan.

Mootummaan jijjiramaa Albuudaaf xiyyeeffannoo addaa kenneen akka Oromiyaatti seektarri Abbaa Taayitaa Misooma Albuuda Oromiyaa hundeeffamuun hojiitti galuu himaniiru.

Seektericha sadarkaa barbaadamuun gahuuf ammallee hojii guddaa kan gaafatu ta’uu ibsuun, raawwii hanga ammatti jiruun jijjiramni abdachiisaan jira jedhan.

Galmoota guguddoo seektarichaa gama, daldalaa al-ergii guddisuu, baayi’naa fi qulqullinaan oomishuu, Indaastirii biyyaa keessaa jajjabeessuu fi carraa hojii uumuun fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuu akka ta’ees kaasaniiru.

Alseerummaa damichaan mul’atan toora qabsiisuuf Mootummaan ulaagaa (standard) misooma albuudaa baasuun hojjiirra oolchuu ibsaniiru.

Bakkeewwan misooma albuudaatti ogeeyyii bobbaasuu, hubannoo uumuu, gurmaa’insa turan sakatta’uun akka haaraatti ijaaruu, hubannoo uumuu fi sosochiiwwan ummataan hojiilee hedduun hojjetamuu dubbataniiru.

Hojii riifoormii bal’aa hojjetameen bara kana albuuda irraa galiin biyya keessaa Birrii biiliyoona 1 fi miiliyoona 600 fi miiliyoona 40 fi kuma 100 fi kuma 82 ol argamuu ibsuun namoota kuma 84 fi 867‘f carraan hojii uumamuu eeraniiru.

Hojii albuuda alaa galu biyya keessatti oomishuun bakka buusuuf raawwatameenis baasii doolaara miiliyoona 1 fi kuma 900 fi kuma 60 ol hambisuun danda’amuu ibsaniiru.

Tsahaay Gulummaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment