Ambaasaaddar Birhaanuu Tsaggaayeen Ministira Dhimma Alaa Jibuutii waliin mari’atan

Finfinnee, Ebla 5, 2017 (FMC) – Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Birhaanuu Tsaggaayeen Ministira Ministeera Dhimma Alaa Jibuutii Abdulqaadir Huseen Oomaar waliin mari’atan.

Ambaasaaddar Birhaanuun, hariiroo biyyoota lameenii daran cimsuuf tumsi Ministira Ministeera Dhima Alaa Jibuutii waliin qabnu cimee itti fufa jedhan.

Wayita Jibuutiitti Ambaasaaddara Itiyoophiyaa ta’uun tajaajilaa turanitti ministiricha waliin walitti dhiyeenyaan hojjechuun hariiroo biyyoota lameenii sadarkaa olaanaarraan gahuu akka danda’an miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

Ambaasaaddar Birhaanuu Tsaggaayeen tibbana Ministir Deetaa Ministeera Dhimma Alaa ta’uun muudamuun isaanii kan yaadatamudha.

Comments (0)
Add Comment