Ambaasaaddar Daliil Kadir xalayaa muudama isaanii Pireezidaanti Siriil Ramaafoosaaf dhiyeessan

Finfinnee, Bitootessa 19, 2017( FMC)- Afrikaa Kibbaatti Ambaasaaddara Itiyoophiyaa ta’uu kan muudaman Ambaasaaddar Daliil Kadir xalayaa muudama isaanii Pireezidaantii Afrikaa Kibbaa Siriil Raamaafoosaaf dhiyeessaniiru.

Ambaasaaddarichi wayita kanatti hariiroon tarsiimaawaa Itiyoophiyaa fi Afrikaa kibbaa giddu jiru qajeeltoo Paan Afrikaaniziimii irratti kan hundaa’ee fi seenaa waggoottan dheeraa lakkoofsise ta’uu kaasaniiru.
Akkasumas biyyoonni lameen walitti hidhamiinsa ummataafi ummatarratti qabanirratti ibsa kenanniiru.,
Sochii Afrikaan Kibba rakkoo Afrikaaf furmaata Afrikaa jedhuun taasisftuus dinqisifataniiru.

kutaa kaabaa biyyatti walitti bu’iinsa ture waliigaltee Piriitooriyaan akka xumuramuuf adeemsa marii nageenyaa keessummeessuu keessatti Afrikaan Kibbaa gahee bahateef galateeffataniiru.

Ambsaaddarichi turtii Afrikaa kibbaatti taasisaniin dameelee Daldalaa, Tuurizimii, Ce’uumsa teeknooloojii, Aadaa fi kanneen biroorratti tumsaan kan hojjetan ta’uu ibsuu ragaan Afrikaa Kibbaatti Embaasii Itiyoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Comments (0)
Add Comment