Ambaasaaddaroonni biyyoota garaagaraa iddoolee hawwata Tuurizimii fi hojiilee misoomaa daawwachuuf Baalee Roobee galan

Finfinnee, Ebla 16, 2017 (FMC) – Ambaasaaddaroonni biyyoota garaagaraa teessoo isaanii Finfinnee taasiifatan iddoolee hawwata Tuurizimii fi hojiilee misoomaa adda addaa daawwachuuf Baalee Roobee galaniiru.

Itiyoophiyaatti daayrektarri UNISCO, Komishinii Gamataa Afrikaa fi Komshinii Diinagdee Afrikaa Mootummoota Gamtoomaniitti Bakka Bu’aan UNISCO Dooktar Riitaa Biisoonaawut dabalatee Ambaasaaddaroonni biyyoona 10 olii Baalee Roobee galaniiru.

Ministir Deetaa Ministeera Tuuriziimii Silashii Girmaa dabalatee Ambaasaaddaroonni kunneen wayita buufata xiyyaaraa Baalee Roobee gahan Bulchaa Godina Baalee, Abbootii Amantaa fi ogeeyyii aartiin simatamaniiru.

Turtii isaaniin Paarkii Biyyaalessaa Gaarreen Baalee fi iddoolee hawwata Tuuriziimii naannawichatti argamu ni daawwatuun eegama.

Salamoon Bayyanaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment