Finfinnee, Ebla 22, 2017 (FMC)- Taphataan sarara ittisaa Riyaal Maadriid Antooniyoo Ruudigar taphoota 6 irraa akka dhorkamu ifoomeera.
Antooniyoo Ruudigar tapha waancaa koppaa Deel Reey Ispeen Barseloonaan Riyaal Maadriid injifate irratti naamusa cabsuun murteessaa taphichaa irratti haaleellaa aggaammii raawwateen kaardii diimaan adabamuun isaa ni yaadatama.
Federeeshiniin kubbaa miilaa Ispeen dhimmicha hordofee taphoota 6’f dhorkaa kaa’eera.
Federeeshiniin kubbaa miilaa Ispeen murtessaa taphaarratti haleellaa yaaluun taphoota 4 hanga 12 akka adabsiisu yaadachiiseera.
Adabbiin Antooniyoo Ruudigar irratti darbeen taphoota liigicha marsaa kanaa hafan hundaafi tapha baniinsa Laaligaa 2025/26 irraa kan isa dhorku ta’uun himameera.
Antooniyoo Ruudigar miidhama jilbaa isa muudateen wal’aansa baqaqsanii yaaluu kalessa taasifate.
Miidhamni isa muudates torban 6 hanga 8 dirree irraa isa fageessa jedhame.
Tasfaayee Ijjiguutu gabaase.