Finfinnee, Bitootessa 21, 2017(FMC)- Sagantaan Ashaaraa Magariisaa milkaa’ina galmoota misoomaafi eegumsa naannoof gahee olaanaa bahachaa jiraachuun ibsameera.
Sagantaan Ashaaraa Magariisaa sagantaa oomishaafi oomishtummaa guddisuuf, lafa miidhame dandamachiisuuf, diinagdee jijjiirama qilleensaa dandamatu ijaaruuf karoorfamee hojjetamaa kan jiru ta’uu Qindeessaan Koree Teeknikaa Biyyalessaa Sagantaa Magariisaa Dooktar Adafris Warquu eeraniiru.
Lammiin hundi eegumsa naannoof kaka’umsa akka godhatu taasiseera jedhan.
Sagantichi saaxilamummaa jijjiirama qilleensaa hir’isuufi dandeettii dandamannaa dabaluu kaasanii, misooma waaraa milkeessuu akka dandeessise ibsaniiru.
Kana malees sagantichi maqaan Itiyoophiyaa addunyaarratti gaarummaan akka ka’u taasisuu eeruun, biyyoonni hedduun muuxannoo Itiyoophiyaa qooddachuuf gaaffii dhiyeessaa jiraachuu dubbataniiru jechuun TOI gabaaseera.